Project Overview
Fudhatama aragachuuf jecha ittuu fudhatama dhabuu! Nama dhugaa ta'anii argamuuf soba akka dhugaatti dubbachuu, fudhatama argachuuf jecha waan hinjirreefi hinfakkaanne walitti qabanii odeessuufi mul'isuu,...fi kanneen akkanaa, jireenya keenya guyyuu keessatti yeroo hedduu nu mudatu. Dhugaasaa yoo ilaalle garuu, gochaaleen akkanaa fudhatama dabaluu mitii fudhatamuma dura jiruyyuu namaaf hintursani. Guddaa fakkaachuuf jecha xiqqaachuu, ulfina argachuuf jecha salphachuu.,....beekamuuf dhama'uuf jecha wallaalummaa ofii lallabuutti nama geessa. Eeyyeen, fudhatama argachuutti ittuu fudhatama dhabuutti nama kennee darba. Kanarra darbees, ceephoo keessa nama galcha. Yeroo waan namarraa hin eegamne akkanaa raawwannu, waan nurraa hin eegamne akka jechaafi gochaa jirru sammuun keenya nibeeka. Nuttis hima. Irra dabarree yoo deemne, boodarra ceephootu nurra dambali'a. Kanaaf falli, fakkeessuurraa of eeguu shaakaluudha. Gammachuu sobanii argatanirra haqa waliin gadduun akka wayyu beekuutu nama baasa. Kana falli! Fudhatama argachuuf jecha fudhatama dhabuu nu haa oolchu! ©NesruMichael